Dhukkuba Garaachaa Mala ittisaa fi ka’umsa isaa.

Dhukkubni garaachaa maalii?

Dhukkubni garaachaa kan jedhamu keessoo garaachaa haguugee kan argamu ‘gastric mucosa ‘n yommuu quunca’u ykn madaa’uu dha.

Uumamaan garaachi namaa asiidii ‘Hydrochloric acid,HCL’ maddisiisa. Asiidiin kun bulla’ina pirootinii fi baakteeriyaa nyaata waliin garaa seene ajjeesuuf faayida qabu. Garaacha sababa adda addaatiin mada’een yoo wal argate asiidiin kun dhukkubicha gara sadarkaa ol aanuutti ol guddisa.

Dhukkuba garaachaa maaltu fida:

  1. Baakteeriyaa ‘Helicobacter pylori’ kan jedhamu
  2. Qoricha dhukkubi hir’isuuf kennamu (pain killer) keessumattuu gosa ‘NSAID’ kan ta’an kan akka ‘Ibuprofen, Asprin, Diclofenac’ baay’inaan fayyadamuu.
  3. Qoricha akka kookeenii fudhachuu.
  4. Alkoolii baay’isuu
  5. Tamboo xuuxuu
  6. Dhukkuba cimaa namni qabu fi namni balaa abidda irra gahee.
  7. Nyaata summa’e soorachuun ..
  8. Nama rakkoo Hadhooftuu qabu.
  9. Dhiphachuu: dhiphachuun asiidiin garachaa garmalee akka dabalu taasisa.
  10. Nyaata ashaboon itti baay’ate. Mallatoo dhukkuba garaachaa:

Gubaa laphee.
Nama Hooruu ykn Hoqqisiisu(Nausea & Vomiting) -dhiiga yoo makate sadarkaa hamarra gahe jechuudha, Battalati mana yaalaa deemuun barbaachisaadha.
Foolii nyaataa nama jibbisiisuu.
Fedhii nyaataa dhabuu.
nyaata booda garaa(laphee irratti) nama bokoksuu.
Nyaata xiqqoma nyaatani quufu.
Hirqifuu/Hirqifachiisuu.

Furmaatni maali?

Dhukkubichaaf baakteeriyaan sababa yoo ta’e ogeessi fayyaa qoricha baakteeriyicha dhabamsiisu( kan Triple therapy) jedhamu isiniif kenna waan taheef gara mana yaala deemu.
Namni qoricha gosa ‘NSAID’ fudhaachaa jiru qorichicha dhaabuu qaba.
kunneen armaan olii dhukkubicha fayyisuuf tarkaanfii fudhatamu yoo ta’u.

Mallatoolee dhukkuba garaachaa hir’isuuf ykn dhabamsiisuu qorichoonni kennamanis jiru. kunis:

Antacids
proton pump inhibitors (PPI)
Histamine blokers
Kunneen sadan hamma asiidii garaacharra maddu xiqqeesuun ykn erga madde garaacha akka hin mine gochuun garaachi madaa’e akka fayyu gargaaru.

Dhukkuba garaachaa ittisuufis ta’ee warra qabaniif gorsa:

Alkoolii hin baay’isinaa ykn dhaaba.
Tamboo gonkumaa hin xuuxinaa, warri xuuxxan dhaaba.
Buna garmalee baay’istanii hin dhuginaa (yaadadhaa bunni faayidaa qaba yoo baay’isuu baanne).
Nyaata coomaa hin baay’isina.
Hin dhiphatinaa…rakkoo jiruuf furmaata barbaada malee.

Kanneen armaan gadii godhaa:

Nyaataa kuduraa fi muduraa sirritti sooradha, qullubbii diimaa fi adii, timaatimii, baaqelaa, raafuu(spinach).
Qurxummii sooradhaa.
Bishaan guyyati hanga kubayyee 6-8 dhugaa.
Damma nyaadha: warri dhukkubicha qabdan ganama ganama garaa duwwaati fallaana 2-3 osoo nyaatani madaa garaachaa fayyisuuf ga’e qaba.
Sochii qaama guyyaatti daqiiqaa 30 torbaniti guyyaa 5niif hojjechuun waan hundaaf gaariidha.
Cuunfaa Jinjibilaa(ginger) dammaan walitti makanii dhuguun garaachi mada’e akka fayyu gargaara.
Muuzii yeroo yerooti soorachun madaa garachaa fayyisuuf ni gargaara.

Waan Dubbistaniif Guddaa Galatoomaa.

4 thoughts on “Dhukkuba Garaachaa Mala ittisaa fi ka’umsa isaa.

  1. Baay, ee isaa ulfaadha yeeroo hundaa isin wojjiin jirra: waan ta, eef waa, ee dhukkuboota biroos akka nuuf dabarsitaniin dhaamsa keenya

  2. Lammii ofiif beekumsa qaban qooduun ,Adeemsa hayyuuti baay’ee gaariidha Haaluma kann itti fufa jennaa
    Dhaamsi isiin nuf kenniittan qaama qalbiin akka isiin dhaggeeffannuu nuu taasisee jira
    DR FAYYAA UMMATA OROMOOF TA’AA!!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *