Faayidaalee Qullubbii Adii

Qullubbii Adiin fayyaa namaaf faayidaalee hedduu waan qabuuf nyaata guyyaa guyyaatti soorattan keessatti osoo fayyadamtanii isiniin jenna:

Faayidalee inni kennu keessaa muraasni:

Dandeettii dhibee dandamachuu qaama keenyaa (immunity) ni dabala.

Dhukkuboota ujummoo qilleensa gara olii fi gadii (somba) kanneen akka Utaalloo, biroonkaayitii, asmii fi daraanyoo sombaa (TB) fi kkf fa’a ni fayyisa.

Dhiibbaan dhiigaa fi hammi sukkaara qaama keenyaa akka ol hin kaane ittisuuf ni gargaara.

Carraa dhukkuboota ujummolee dhiigaa (dhiphachuu Ujummoo dhiigaa ‘atherosclerosis’, itita dhiigaa) fi Onnee ni ittisa.

Hamma kolestiroolii qaama keenyaa ni too’ata.

Dhibee gogaa qaama keenyaa fi madaa malaa makate ni fayyisa.

Dhukkuboota Ujummoolee nyaataaf (Liqimsiitu, garaachaa fi mar’immaan) fayyisuuf ni fayyada.

Fayyummaa lafee fi buusaa ni eega.

Dhibee kintaarootii, dhiitoo fi dhullaaf ni gargaara.

Nyaachuudhaan ta’ee boraatii jala godhachuudhaan qulqullina hirribaaf ni ta’a.

Dafanii dulloomuu ni hir’isa.

Miira dhukkubbii ilkaanii ni hir’isa.

Fedhiin nyaata (appetite) akka banamuu fi nyaanni akka sirriitti daakamu ni gargaara.

Raammoo garaa keessaaf ni fayyada.

Dhibee Kaanserii garaagaraaf, fakkeenyaaf Kaanserii harmaa, hadhooftuu, Mar’immaanii, piroosteeti fi kan kana fakkaatan ni ittisa.

Wal-nyaatinsa seelota keenya keessaa ni dadammaqsa.

Dhibee ijaa sababa umriin dhufu kan kaataaraaktii jedhamu ni fayyisa.

Pirootiina dhumaatii rifeensa mataa ittisuu danda’u of keessaa qaba.

Waan dubbistaniif Galatoomaa!

5 thoughts on “Faayidaalee Qullubbii Adii

  1. Hello I am so grateful I found your blog, I really found you by accident, while I was researching on Digg for something else, Anyways I am here now and would just like to say many thanks for a tremendous post and a all round entertaining blog (I also love the theme/design), I don’t have time to go through it all at the minute but I have saved it and also added your RSS feeds, so when I have time I will be back to read much more, Please do keep up the excellent work.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *