Fayyummaa Sammuu Keenyaa Eeguuf maal gochuu qabna?

Adda addumma umriin namaa dabalaa deemuun jijjiiramni sammuu fi qaama namaa irratti ni mul’ata. Haa ta’u malee dandeettii waa yaadachuu fi irraanfachuu dhabuu keenyaa, akkasumaas fayyummaa Sammuu keenyaa gabbisuuf wantoota armaan gadiitti eeraman gochuun bu’a qabeessa:

1.Sochii Qaamaa Dhaabbiidhaan yookaan Itti Fuufiinsaan Hojjachuu

Sochiin Qaamaa (Ispoortiin) faayidaalee hedduu qaama keenyaaf qaba. Sochiin qaamaa haala dhaabbannaa ykn itti fufiinsa qabuun hojjatamu fayyummaa sammuu keenyaaf, umrii wajjin sammuun keenya hojii ishee haala gaariin eegdee itti haa fuuftuuf nu gargaara. Kanaaf torbaanitti yoo xiqqaate guyyaa shaniif, guyyatti immoo daqiiqaa 30-60tiif sochii qaamaa yookiin ispoortii (fiigicha, daakaa, deemsa ariifannaa, daansii, kubba miilaa fi kkf) dalaguun fayyaa qaamaa fi sammuutiif bu’aa gaarii qaba.

2.Hirriba Gahaa Argachuu

Hirribni fayyummaa sammuu keenya irraatti gahee guddaa taphata. Hirriba gahaa ta’e rafuun wantoota sammuu keenyaaf hin barbaachifne qulqulleessuun, dandeetti waa qayyabachuu, yaadachuu fi madaaluu keenyaa ni fooyyeessa. Kanaaf guyyatti walitti aansuun sa’aa torbaa hanga saddeetii rafuun fayyummaa sammuu keenyaatiif barbaachisaadha.

3.Nyaata Keenya Sirreessuu

Nyaanni nuti nyaannu fayyummaa sammuu fi qaama keenyaaf shoora taphatu qaba. Nyaata keenya keessatti fuduraaf kuduraa baay’isuun, midhaan, yoo argame qurxummii fayyadamuun fayyaa sammuutiif dansaadha. Akkasumas nyaata keenya keessaa fooniif soogidda daran hir’isanii fayyadamuun fayyummaa Sammuutiif gaariidha.

4.Sammuu Keenya Shaakalsiisuu yookiin Si’eessuu

Sammuu keenyaaf shaakalliin barbaachisaadha. Hojiilee sammuu si’eessan garagaraa hojjachuun (fakkeenyaaf kitaaba dubbisuu, taphoota yaada sammuu barbaadan taphachuun, dhimmota yaadaaf dandeetti waa yaadachu gabbisaniin sammuu keenya si’eessuun, waa haaraa barachuuf xaaruun) fayyummaa sammuutiif barbaachisaadha.

5.Hawaasummaa Irratti Hirmaachuu yookiin Qabaachuu.

Hariiroo hawaasummaa gaarii ta’e qabaachuun Muukuu fi dhiphina nama irraa hir’isa. Nama jaallatan, hiriyyaa fi kan walitti dhi’aatan kan biroo wajjin dabarsuun fayyumma sammuu gabbisuuf dansaadha.

6.Dhiibbaa Dhiigaa fi Sukkaara Qaamaa To’achuu

Dhiibbaa Dhiigaa ol’aanaa ykn Dhukkuba Sukkaaraa yoo qabaanne of eeggannoo isaaniif barbaachisu hunda gochuun hamma dhiibbaa dhiigaa yookiin sukkaara qaama keenyaa to’achuu. Dhiibbaan Dhiigaa Olka’aa ta’ee fi hammi sukkaara qaamaa hin to’atamne miidhaalee garagaraa sammuu irratti fida.

7.Kunuunsa Ofiif Godhamu

Tamboo yookiin Sigaaraa aarsuu dhabu yookaan dhaabuu, Hamma Alkoolii fayyadaman daran xiqqeessuu yookaan dhaabuu, Araada garagaraa irraa fagaachuu, Bashannanuu, Of dhiphisuu dhaabuu, Qulqullinna qaamaa eeguu, Gaarii uffachuu, Gaarii dubbachuu.

Ulfaadhaa, horaa, bulaa, deebanaa! Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!

One thought on “Fayyummaa Sammuu Keenyaa Eeguuf maal gochuu qabna?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *