Hundee Diimaa Fi Faayidaa isaa.

Hundee diimaan kaaloorii xiqqaa of keessaa qabaatullee, vitaaminootaa fi albuudoota qaama keenyaaf barbaachisan hunda of keessaa qaba.

waan kana ta’eef faayidaa garagaraa nuuf kennuu danda’a. Isaaniis:

1)Ga’umsa atileetii fooyyeessuuf:

Sababa kanaaf yeroo hedduu nyaata atileetidhaan sooratamuudha.
Ozoo ispoortii hin egalin sa’aatii 2 hanga 3 dursitee hundee diimaa nyaachuu qabda. Qaamni keenyaa ooksijinii sirritti akka itti fayyadamuu fi dafnee akka hin dadhabne nu godha.

2) Dhiibbaa dhiigaa xiqqeessuuf:

Dhukkubni onnee fi istirookiin (dhiigni sammuu keessatti dhangala’uu) dhibeelee addunyaa kanarratti nama ajjee*suudhaan sadarkaa duraa irra jiraniidha. Dhibeewwan kun akka nama qabaniif sababni guddaan dhiibbaan dhiigaa ol ka’uudha.

Hundee diimaan koompaawundii “nitrate” jedhamu waan of keessaa qabuuf ujummooleen dhiigaa akka babal’achuun, dhiibbaan dhiigaa akka xiqqaatu godha.

3) Kulkulaa madaa ittisuuf:

Kulkula dhukkuba onnee, tiruu, kalee fi kaansarii ittisuuf fayyada.

4) Fayyaa sirna bulla’iinsa nyaataatiif:

Nyaata faayibarii (kan hin bullofne) waan baay’inaan of keessaa qabuuf fayyaa mar’imaatiif barbaachisaadha.
Kana malees gogiinsa garaa ittisuu fi kaansarii mar’imaan furdaa nurraa dhoorkuuf fayyada.

5) Kaansarii tokko tokko namarraa ittisuuf:

Farra keemikaaloota summaawoo qaama keessaa(Antioxidant) waan of keessaa qabuuf kulkula ittisuuf waan fayyaduuf kaansarii nurraa ittisuufillee gahee qaba.

6) Ulfaatina qaamaa hir’isuuf:

Kunis kaaloorii xiqqaa fi biishaan baay’ee waan of keessaa qabuufi. Kana malees pirootinii fi faayibarii giddu galeessa waan of keessaa qabuuf ulfaatinaa fayyaaf gaarii ta’e akka qabaannu nu taasisa.

7)Dandeetti dhukkuba ofirraa ittisuu ni dabala

8) dhukkuba sukkaraa namarraa ittisa.

9) Mi’aawaa waan ta’eef nyaata feete hundatti dabaltee nyaachuuf mijataadha.

Waan dubbistaniif Galatoomaa waliif qooduu dandeessu.

One thought on “Hundee Diimaa Fi Faayidaa isaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *