Neutrition Avokaadoo Irraa Argannu Keessaa Muraasa.

1: Qabiyyee soorataa gosaan adda adda ta’an of keessaa qaba. Isaaniis, Vitamin K, Folate,Vitamin C, Potassium, Vitamin B5, Vitamin B6 fi Vitamin E fa’i.

2: Nyaata coomaan (fat) baay’ee kan of keessaa qabu yoo ta’ee, coomni avokaadoo keessatti argamu akka cooma kanneen biroo kan nama miidhu miti. Onnee keenyaarrattis akka cooma warra kaanii miidhaa osoo hin taane gargaarsa taasisa.

3: Keemikaalota antioxidants jedhaman waan of keessaa qabuuf fayyaa ija keenyaaf tumsa guddaa kenna.

4: Dhukkuba buusaa (joint) kan arthritis jedhamu nurraa ittisuu fi dhukkubbii isaa nurraa xiqqeessuuf ga’ee guddaa qaba.

5: Nyaanni garaa keessatti keessumaa kan biqiltoota irraa nyaannu akka daakamu (better digestion) gochuudhaaf hedduu fayyada.

6: Avokaadoo namoonni nyaatan namoota avokaadoo hin nyaanne irra fayya qabeeyyii (healthier) kan ta’anidha.

Fayyaan Faaya, Fayyaa Ta’aa! Waan dubbistaniif Galatoomaa waliif qooduu hin dagatinaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *