Hanqaaquun nyaata fayyaa ilma namaaf barbaachisan keessaa isa tokko. Gosoonni hanqaaquu hedduu ta’us har’a kan ilaallu faayidaa hanqaaquu lukkuuti.
Hanqaaquun lukkuu qabiyyee hedduu kan fayyaa keenyaaf oolan, kan akka Vit. A,B,D,E,K; albuudota akka pootaasiyeemii, seeleniyeemii, foosfarasii, ziinkii; pirootiinii, kolestiroolii gaarii(HDH); choline fi kkf of keessaa qaba.
Qabiyyeen isaa kunneen immoo fayyaa qaama keenyaaf baay’ee murteessodha. Faayidaa hanqaaquu lukkuu keessaa muraasni:
1.Dandettii dhibee dandamachuu (madinummaa) qaama keenyaa ni dabala. kun hojii Vit A, B12, seeleniyeemii tii.
2.Fayyummaa Sammuu keenyaaf ni gargaara. kun hojii: choline, albuudota fi Vaayitaaminoota garagarati.
3.Ulfaatina qaamaa garmaleef akka hin saaxilamne fi yoo jiraate immoo hir’isuuf ni gargaara.
4.Fayyummaa ija keenyaaf hedduu gargaara. kun hojii lutein fi zeaxanthinti.
5.Ciminna ykn jabinna maashaaf ni gargaara. kun hojii pirootiinii tii
6.Fayyummaa gogaa keenyaaf ni tola. hojii Vit.A fi qabiyyee birooti.
7.Ulfa fayyaa ta’e godhachuuf: kun hojii Vit.9 ykn folate ti. kvp
8.Akka qorannoon tokko tokko jedhutti carraa dhukkuba onnee, sammuu keessatti dhiiguu ykn ujummoleen dhiiga sammuutti gejjibaan cuqaalamuu(stroke) ni hir’isaa. kun hojii choline fi kolestiroolii gaarii( HDL) ti.
9.Madda annisaa gaariidhaa.
Walumaagalaatti guyyaatti hanqaaquu 2 hanga 3 nyaachuun fayyaa keenyaaf gaariidha. Asirratti yommuu hanqaaquu fayyadamtan kan yeroon isaa irra hin darbinee ykn kan hin samne ta’uu qaba. Yommuu olkeessan yoo qabaattan firiijii keessa, yoo hin qabne ta’e immoo iddoo qorraa olkaa’uu qabduu. Hanqaaquu dheedhii dhuguun hin gorfamuu.
Hub: Namni tokko tokko kan hanqaaquun aleerjii itti ta’u jiraachuu danda’a, namni kun nyaachuu dhiisuu ykn ogeessa fayyaa mari’isiisuu qaba.
Waan dubbistaniif Galatoomaa fayyaa ta’aa!

Yaada gaariidha jabadhaa