Forforii Rifeensaa, Ka’umsa, Mallattoo Fi Mala Ittisa Isaa.

Mallattoolee Foroforii

Rifeensa mataa keessa wanti akka daakuu harca’auu (keessumaa yoo harkaan haxaa’an ykn filtuu mataan filatan).

Yoo xiqqoo sanarra jabaate immoo gar malee hooksisuu fi waan akka qolaa harca’uu fa’i.

Ka’umsa Foroforii

Ka’umsi foroforii fangasii ‘Malassezia furfur’ jedhamtuun akka namatti dhufu amanama.

Foroforiin dhukkuba gogaa kamiyyuu caalaa hawaasa keesatti argama.

Keessumatti immoo umurii waggaa 14 hanga 30 kan namoota rakkisuudha.

Furmaata Foroforii

1) Shaampoo qabiyyee farra fangasii of keessaa qabuun rifeensa ofii hanga foroforiin kun rifeensa irraa badutti dhiqachuudha.

2) Qorichoonni dabalataa akkuma cimina foroforii nama qabe sanaatti ogeessa fayyaan kennama.

3) Foroforiin takkaa erga rifeensa irraa badee booda namatti deebi’uun isaa hin hafu. Kanaaf erga namarraa badee boodas giddu giduutti (fakkeenyaaf torbanitti al takkaa) shaampoo farra fangasii of keessaa qabu kanaan rifeensa dhiqachuudha.

Fayyaan Faaya! Fayyaa ta’aa!
Waliif qooduu dandeessu.

One thought on “Forforii Rifeensaa, Ka’umsa, Mallattoo Fi Mala Ittisa Isaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *