Akkaataa itti Qopheessitan
Jalqaba qola shunkurtaa, sana Irraa sooftu ykn Quncistu Itti aansuun Albee ykn Haaduu Fayyadamuun murmurtu ykn kukkuttu, ergasiin booda hanga Inni xixiqqaatutti meeshaa fayyadamuun kukkuttu.
Ergasii cuunfaa Isaa Yookiin dhangala’aa isaa keessaa cuunfitu, ergasii booda meeshatti naqxanii keewwaattu.
Akkaata Itti fayyadama isaa
Torbanitti Guyyaa 2 Rifeensa keessan bakka haphate ykn moluu ta’e sanatti dibdu hanga inni irratti goggogutti eegdu, sana booda daqiiqaa 20 booda shampoo ykn saamunaa dhaqnaa fayyadamuun of irraa miiccitu yookiin dhiqxu.
Haaluma kanaan walitti aansitanii torbanitti guyyaa lama ji’atti guyyaa 8 yoo godhattan, yeroo gabaabaa keessatti rifeensa keessan irratti jijjiirama argitu. wkd
Cuunfaan Shunkurtaa kun salfarii olaanaa of keessaa qaba saalfariin kun jabina rifeensaaf ni gargaaraa, akkasumas tishuuwwan gara kutaa rifeensaan wal qabatan akka dagaaganii fi rifeensa naannoo sanaa akka deebisanii magarsaniif ykn biqilaniif gargaara.
Waan dubbistanii, fayyadamtaniif Galatoomaa! Yoo jaallattan, hiriyyoota keessanii fi miidiyaa adda addaa keessatti qooduu dandeessu.

Baayyee galatoomi dr teenya
Bes oratation
Baayy’ee nuuf galatoommi
si jaalaanna ittuma nuuf fufi Dr
cheap real viagra online