Kalee Fi Fayyummaa Kalee Keenyaa Eeguu.

Kaleen qaamota baay’ee barbaachisaa ta’an keessaa isa tokko. ilmi namaa kalee lama qaba. ilmi namaa kalee tokko qofaan jiraachuu ni danda’a.

Hojiileen kalee maal fa’a?

Xuraawaa qaama keenyatti uumamuu fi summiiwwan garaa garaa qorichoota dabalatee qaama keenya keessaa dhabamsiisuu.

Madaalaa dhangala’aa, Aciidii fi alkaalii akkasumaas Madaala dhiibbaa dhiigaa keenyaa eeguu.

Hormoonota gara garaa maddisiisun keessattu seelonii dhiiga diimaa dhukaa lafee keessatti akka oomishamanii fi madaala albuudota kanneen akka potassium, fosfeetii, kalsiyeem eeguu. Kvd

Fayyummaa kalee akkamiin eegganna?

1) Bishaan gahaa dhuguu

Kaleen keenya sababa dhangala’aan qaama keenyaa hir’atuun dadhabuu dandeessi. keessattuu namoota karaa kaasaa, haqqisiisuu fi dhibee fincaan namatti baay’isuun dhangala’aan qaama keenyaa xiqqaatun kaleen miidhamuu dandeessi. Bishaan liitra 2 hamma 3 guyyaatti dhuguun fayyummaa kaleetiif barbaachisaa dha.

2) Soorata keessatti Ashaboo xiqqeessu

3) Sochii qaama Idileen hojjachuu

4) Soorata Fayya qabeessa nyaachuu

5) Madaala sukkaara qaama keenyaa eeggachuu: kana jechuun mi’aawaa fi dhugaatii lallaafa kan akka miirinda, kookaa hir’isuu fi nama dhibee sukkaara qabuufis sukkaarri sirritti too’atamu qaba. Akka addunyaatti dhibeen sukkaaraa fi dhiibbaan dhiigaa dadhabbii kaleetif sadarkaa duraa irratti argamu.

6) Kolesteeroolii qaama keenyaa too’atuu

7) Qorichoota kanneen dhukkubbiif fudhataman kan akka diclofenac, ibuprofen, endomethan walumaa galatti NSAIDs jedhaman hir’isuu.

8) Ajaja ogeessaatin ala dawaalee aadaas dabalatee fudhachuu dhiisuu

9) Dhiibbaa dhiigaa too’atu. akkuma ibsame dhibeen sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa farra qaamota keenyati.

10) Fayyaa sammuu eegachuunis fayyummaa kalee keenyatiif barbaachisaa dha.

Galatoomaa waliif qooduu dandeessu.

INSTALL

2 thoughts on “Kalee Fi Fayyummaa Kalee Keenyaa Eeguu.”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *