1) Hidhii jiisuuf yookaan laaffisuuf jecha arraabuu ykn arrabaan xuuxuun irraa of eeguudha.
Hancufni dafee qilleensaan goga, yeroodhaaf kan jiise ykn laaffise nutti fakkaatee, garuu erga hancufni ittiin jiifne sun irraa gogee booda kan duraanii irra baay’ee waan goguufi. pht
2) Yeroo hedduu yoo afuura baafannu funyaaniin afuura baafachuu amaleeffachuu qabna.
Kunis afaaniin yoo hargannu ta’e hidhii keenya waan goggogsuufi.
3) Bishaan gahaa dhuguudha.
Bishaan gahaa yoo dhuguu baannee hedduu dheebonne, afaan keenya hidhii dabalatee ni goga. Kanaaf osoo hin dheebotiin illee dhuguudha.
4) Qilleensa qorraa fi gogaa keessa deemuuf jennu yoo ta’e, ba’uu keenyaan dura dibata kireemii hidhii eegu, yoo danda’ame keessumaa kan aduu dhorku (sunscreen) dibachuudha. Sana booda kafana qal’oo mormatti maratan ykn maaskiidhaan hidhii keenya qilleensa irraa haguugnee deemuudha.
5) Waantoota qaamni keenya akka alagaatti ilaalee lolu akka qalamoota garaa garaa fi keemikaalota hidhii keenyarraa eeguudha.
Fayyaan Faaya, Fayyaa Ta’aa!

Galatoomi Yaa Doktor tiyya waan gaarii hojjetanii darbuun waan Waaqnif lafti jaalatuudha!…
Galatni siif mala Doktor tiyya
tanks
አዳማ