Guyya Guyyaan Qaama Dhiqachuun faayidaa moo miidhaa qabaa?

Guyya guyyaan qaama dhiqachuun fayyaa gogaa keenyaa ni huba! Akkamitti?

1) Qaamni keenya uumamaan dibata of irraa qabu balleessuudhaan akka gogu taasisa. Qaamni keenya yoo gogu immoo qaawwa xixiqqoo baasuudhaan:

Baakteeriyaan dhukkuba nama qabsiisan qaawwa sanaan seenanii akka infekshinii uumanii fi waantoonni alarjii namatti fidan ykn kaasan qaawwa sanaan seenanii alarjiif akka nama saaxilan taasisa.

2) Saamunaan nuti guyya guyyaan fayyadamnee qaama dhiqannu kan farra bakateeriyaa of keessaa qabu yoo ta’e immoo baakteeriyoota uumamaan gogaa keenya irra jiraatan (kan ofii isaanii dhukkuba nama hin qabsiifne) dhabamsiisuun, baakteeriyoota hamoo dhukkuba nama qabsiisaniin akka bakka bu’an taasisa!

3) Qaamni keenya maadiinummaa wantoota alagaa ta’aniif akka hin horanne taasisuu danda’a. Kunis guyya guyyaan qaama dhiqachuun carraa qaamni keenya waantoota naannoo jiraniin wal argee, maadinummaa haaraa waan arge kana irratti horachuu isaa waan gadi buusuuf dha.

Namoonni tokko tokko garuu guyya guyyaan qaama isaanii dhiqachuuf sababoota armaan gadiif barbaaduu danda’u:

1) Foolii qaamaa badaa kanneen of irraa hambisuuf dhiqachuu barbaadan.

2) Hirriba irraa yoo dammaqan miiraa gaariin gara hojii deemuuf warreen dhiqachuu barbaadan.

Walumaa galatti, guyya guyyaan qaama dhiqachuun fayyummaa qaama keenyaaf gargaarsa kan hin goone; gogaa keenyaa immoo akka hubuu danda’u beekuun barbaachisaadha.

Fayyaan Faaya, Fayyaa Ta’aa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *