Haala ittiin ilkaan keenya qulqulleeffannu, qabxiilee toorba/7

Akkaataan nuti ilkaan itti rigannu, irgi ilkaanii keenya akka hin hubamneef akkasumas, qulqullina ilkaan keenyaa sirriitti akka eegamuuf kan nu gargaaru ta’uu qaba.

Guyyaa tokko keessattis si’a lama (2) ilkaan keenya qulqulleessuun barbaachisaadha. Kanaaf, ilkaan keenya gaafa rigannu kan armaan gadii kana hordofuun faayidaa guddaa qabaata.

1) Nyaata nyaannee erga xumurree booda, ilkaan gidduutti wantoota hafan ilkaan gidduudhaa baasuu (fkn Haanxaa qulqullina qabu fayyadamuun).

2) Rigaa ilkaanii kan mukarraa qophaa’us ta’e kan ammayyaa ‘brush’ fayyadamuun ilkaan keenya rigachuu. Gaafa rigannus, ilkaan gara olii jiran irra keessaa gara gadiitti akkasumas kan gara gadii jiranis jalaa gara oliitti rigachuu qabna. Kunis qulqullina ilkaanii irratti dabalataan irgi ilkaanii keenya akka hin miidhamneef fayyada.

3) Rigaa ilkaanii ammayyaa ji’a sadi sadiin jijjiiruu qabna.

4) Ilkaan keenya yeroo rigannus, yoo xiqqaate daqiiqaa lamaaf (2) rigachuu qabna.

5) Ilkaan hundumaa, keessumaa lafa irgi ilkaanii fi ilkaanni keenya itti wal argu sirriitti rigachuu qabna.

6) Rigaa ilkaanii kan qulqulleessituu arrabaa qaban fayyadamuun arraba keenya qulqulleessuu.

7) Yeroo kuduraalee asiidummaa of keessaa qaban kan akka Burtukaanaa fi Loomii nyaannee xumurru ilkaan keenya daqiiqaa dheeraadhaaf (fkn daqiiqaa 30) rigachuun nurra HIN jiraatu, Kunis ilkaan asidiin sanaan dadhabe, dabalataan yoo rigamu miidhamuu waan maluufidha.

Galatoomaa, waliif qooduu dandeessu.

One thought on “Haala ittiin ilkaan keenya qulqulleeffannu, qabxiilee toorba/7

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *