DHUKKUBBII DUGDAA (BACK PAIN)

Ka’umsa Dhukkubbii Dugdaa

Ulfaatina guddaa ol kaasuu ykn haala hin mijanneen ulfaatina ol kaasuu.

Ulfaatina garmalee guddaa ta’e qabaachuu.

Sochii qaamaa gochuu dhiisuu. (poor physical fitness)

Umrii (older age). dhukkubbiin kun akkuma Umriin dabalaa deemuun carraan rakkoo kana qabaachuu dabalaa deema.

Dhukkuboota akka kulkuluu buusaawwan lafee dugugguruu dugdaa (arthritis), kaanserii fi kkf

Rakkooleen akka dhiphina sammuu hamaa fi aariin hanga tokko nama saaxiluu jedhamee yaadama.

YAALAA FI ITTISA

Yeroo baay’ee dhukkubbiin kun boqonnaa fudhachuu fi manatti waan sasalphaan of gargaaruun baduu ni danda’a. Yeroo tokko tokko immoo mana yaalatti yaalas barbaachisuu danda’a.

Akkamitti Ittisuun danda’ama?

1) Sosochii qaamaa gochuu, sochiin qaamaa jabinnaa fi qaamni keenya akka salphaatti kottoonfatuu fi diriiru godha.

2) Nyaata madaalamaa (keessattuu nyaanni kaalsiyeemii fi Vaayitaaminii D dhan badhaadhan, fayyummaa lafee keenyaaf baay’ee murteessodha), akkasumas kuduraa fi muduraa.

3) Tamboo aarsuu dhiisuu

4) Ulfaatina guddaa qabna yoo ta’e hir’isuu (Ulfaatina madaalawaa qabaachuu)

5) Yeroo Ulfaatina ol kaafnu; yoo danda’ame haala bira fayyadamuu ykn suuta jennee ol kaasuu. Yoo ol kaasnu ulfaatina guddaa ol kaasuu hin qabnu, yeroo kaasnu haala mijataa qopheefachuu qabna.

6) Dhaabbannaa fi teessuma keenya mijeffachuu (yeroo dheeraaf dhaabbachuu, taa’uu fi ciisuun dhukkubbii dugdaa qofaaf osoo hin taane akka walii galaatti fayyaa qaama keenyaaf gaarii waan hin taaneef, haalli hojii keessan kanaaf kan isin saaxilu yoo ta’e gidduu jidduutti dhiisuun boqonnaa fudhachuun sochii taasisuu).

Yeroo teessanii fi dhaabbatanis haala dhaabbanna fi teessuma qaamaa mijataa ta’e qopheefachuu qabdu.

7) kophee ‘flat’ fi kan nu hin qabne fayyadamuu (kan Koomeen isaa ol ka’aa hin taane).

8) Dhiphina fi Yaaddoo hamaa xiqqeessuu.

9) Dugda hanga danda’ameen sukkumachuu. dlw

Yeroo kam Mana Yaalaa Deemuu Qabna?

1) Boqonnaa gahaa fudhachuun kan nu hin dhiifne yoo ta’e,

2)Hoo’i qaamaa yoo dabale ( fever),

3) Dhiitaan dugda duuba yoo jiraatee,

4) Waliittii fufinsaan kan nama dhukkubu yoo ta’e,

5) Dhukkubbiin miilas dabalata yoo ta’e.

6) Fincaan ykn bobbaa (udaan) too’achuu kan hin dandeenye yoo ta’e

7) Fincaan fincaa’un kan nama rakkisuu yoo ta’e.

8) Erga rukkutamanii ykn kufaanii booda yoo ta’e,

9) Miilli kan nama adoodu fi sochoosuun kan hin dandeenye; akkasumas dhukkubbiin hanga miilatti kan gahuu yoo ta’e,

10) Ulfaatinni qaamaa yoo baay’ee kan hir’ate yoo ta’e ( significant unexplained weight loss) fi kkf yoo jiraatan dafnee mana yaalaa deemuu qabna.

Waan dubbistaniif Galatoomaa waliif qooduu dandeessu.

INSTALL

One thought on “DHUKKUBBII DUGDAA (BACK PAIN)”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *