Faayidaa Gagaa Dammaa
Damma jaallannaan gagaa isaa nyaadhu. Gagaa alanfattee erga mi’aa isaa irraa xuuxxee fixxe booda wanta akka maastikaa isa hafu sana liqimsuu ni dandeessa. Miidhaa tokkollee hin qabu. Gagaan sun mataan isaa faayidaa nuuf qaba.
Faayidaalee gagaa dammaa keessaa muraasni:
Tiruu keenya dhukkuba irraa ittisa. Tiruun keenya akka summii fi dhibee birootiin hin miidhamne godha.
Garaacha qunca’e fayyisuuf,
Madaa qaamaa dafee fayyisuuf,
Finniisa nurraa fayyiisuf,
Hirriiba gaarii akka rafnu nu godha,
Alarjii fi diifafa nurraa fooyyeessa,
Foroforii yaaluuf
Ulfaatina qaama keenyaa hir’isuuf gargaara.
Faayidaan isaa waan himamee dhumu miti. Kanaafuu carraa argattanitti fayyadamtanii soorachuu hin dagatinaa. tcp

Muuzii fi Faayidaa Isaa.
1) Bulaa’insa nyaataa ni fooyyessa,
2) Sadarkaa sukkaara dhiigaa ni sirreessa,
3) Kalee ni eega ykn cirraacha kalee ittisa,
4) Kaansarii ni ittisa,
5) Mul’ata ni guddisa,
6) Miira ol kaasa,
7) Hir’ina dhiigaa ni lola,
8) Humna ni kenna,
9) Fayyaa gogaa ni guddisa,
10) Fayyaa onnee ni eega,
11) Lafee ni jabeessa,
12) Ulfaatina qaamaa hir’isuuf gargaara,
13) Dhiibbaa dhiigaa ni to’ata,
14) Humna sammuu guddisuu danda’a,
15) Namoota tamboo xuuxuu dhiisuu barbaadan gargaara,
16) Sochii mar’imaanii ni to’ata,
17) Namoota madaa garaacha qaban gargaara, fi faayidaalee kanneen kana fakkaatan hedduuf ni oola.
Akka giddu galeessaatti guyyaatti muuzii tokkoo hanga lamaa namoonni fayyaa qaban irra caalaatti yoo fudhatan ni gorfama.
Waan dubbistaniif Galatoomaa, waliif qooduu dandeessu.

I would like to tanks for All of this advice
Galatoomaa Dr.
yes
bbaayyen irra baradhe