Jaalalli maali? Jaalala isa jedhan akkamitti hiikta?

Nama hin taane jaallachuutu nama miidha malee, Jaalalli yoomiyyuu nama hin miidhu.

Jaalala jechuun Waanta namni kamiyyuu qoree bira gahuu hin dandeenyedha. Jaalala jechuun bantuu fi cuftuu jireenyaati. Jaalalli nama jaallatte sana dhugaadhaan jaallachu jechuudha!

Namoonni baay’een bara kana Jaalallii dhugaan eessaa argama jedhu, garuu gaaffin isaani sirriidha, deebiin isaa jaalallii dhugaan harka kee fi harka koo irraa, onnee kee fi onnee koo irraa jira.

Ati jaalalatti osoo hin seenin duraa dhugaan maal akka ta’e hubadhu! Erga maalummaa dhugaa addan baaste jaalalli maal akka ta’e hubachuu dandessaa.

Jaalalli dhugaan hin jijjiramu, garuu jaalalli dhugaan nama jijjira. Jaalallii dhugaan sobaan dhugaa hin jedhu. Jaalala dhugaa keessa sobni hin jiru, dhugaa qulqulluu malee!!

Walumaa galattii JAALALAJECHUUN:

Bareedina barbaaduu miti.
Faayidaa barbaaduu miti.
Ejja*a(fedhii foonii) barbaaduu miti.
Yeroo fayyaa qabaniif yeroo gammachuu qofa
wal haammachuu miti.
Waan jaallatamteef jaallachuu miti.
Namumti wal jaallataaf jaallachu miti.
Waan sii biteef atis guyyaa eegdee liqii
deebisuu miti.
Bifa nama sanaa ilaaluu miti.
Qabeenya bor badu ilaaluu miti.

Jaalala dhugaa jechuun:

Waan hundarraa qulqulluu kan ta,e.
Fakkeessu osoo hin taane dhugaa.

Yeroo gaddaa, gammachuu ,rakkinaa wal bira/cinaa dhaabbachuu.

Waan dubbisaniif Galatoomaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *